Revelation 22:20 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ka waan kana dhugaa bawu, “Ee, dafee hin dhufa” jedha. Ameen! Goottaa Yesuus, koyi.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami waan kana ch'ufa d'ugeesu waan jed'u, D'uguma, anini d'iotu d'ufa! Ha taatuuti. Kooti, Aabbo Yeso!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii waan kana cufaa dhugeessuu, “Dhugumaa, anin dhi'oottuu dhufa” jedha. Ee'e jenne! Aabboo Yesus kootti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka kana ragu, «Ee, dafee dhufa!» jedha. Amiin! Gooftaa Yesuus, dafii koottu!
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka kana ragu, «Ee, dafee dhufa» jedha. Amiin! Gooftaa Yesuus, dafii koottu.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ragaa wonittoota kanniinii ka ta'e, «Dhugamaanuu, dadafaan ni dhufa!» jedha. Ameen, yaa Gooftaa Yesus koottu!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ka waan kana dhugaa bawu, «Ee, dafee hin dhufa» jedha. Ameen! Goottaa Yesuus, koy.