Revelation 22:6 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ergamaan Waaqaalle, “Jechooti kun ka addatamanee fi dhugaammeyyi'i. Waaqi Goottaan Ayyaanota raagotaaf kennu, waan dhiyo'otti te'u, tajaajiltoota ifiititti mudhisiisaaf, ergamaa ifii ergeera” anaan jedhe
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani malaikaani waan naani jette, Dubbini tunini ta d'ugaati, ta d'ugefachu malani. Aabbo Waaqi, ka Lubbu ufi raagoota ufiti keenne, malaika ufi erge, aka hojattu ufi waan d'iotu taha agarsiisu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan ergamaan, “Dubbiin tun ta dhugaa, ta dhugeeffachuu malan. Aabboo Waaqii, ka hafuura ufi raagootaa ufiitii keennu, waan dhi'oottuu tahaa hojjatoota ufii garsiisuuf ergamaa ufii erge” naan jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Innillee, «Jechoonni kunniin amanama'aa fi ka dhuga'aati. Ayyaanni raattotaa, Waandhi Gooftaan keenna waan dafee ta'u'uuf ta'u garbootatti akka mudhisu, Maleekkaa erge.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee, «Jechoonni kunniin amanama'aa fi ka dhuga'aati. Ayyaanni raattotaa, Waandhi Gooftaan keenna waan dafee ta'u'uuf ta'u garbootatti akka mudhisu, Maleekkaa erge.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti maleyikkicha akkana naan ni jedhe, «Jechi kunniin ka amanamanii fi dhugaaleyyi'i, Waaqinni nabiyyoota dubbachiisu yeroo dhiyoo keessatti waan ta'u, tajaajilttoota isaatiif ibisu'uuf maleyikkichaa isaa ni erge.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergamaan Waaqaalle, «Jechooti kun ka addatamanee fi dhugaammeyyi'i. Waaqi Goottaan Ayyaanota raagotaaf kennu, waan dhiko'otti te'u, tajaajiltoota ifiititti mudhisiisaaf, ergamaa ifii ergeera» anaan jedhe.