Revelation 22:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ka waan kana dhage'ee fi dhagge, ana Yohaannis. Yennaa waan kana dhaggee fi dhage'e, ergamaa Waaqaa ka waan kana anatti mudhiseef sagadiisaaf, miila isaatitti gadi jige.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini, Yohanani, ya waan kana ch'ufa arge d'agaye. Eegi anini waan kana ch'ufa arge d'agaye, anini miila malaika waan kana ch'ufa naa garsiifteti jige guddisu fed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin, Yoh. aannis, ya waan kana cufa argee dhagaye. Anin eegii waan kana cufa argee dhagaye, miila ergamaa waan kana cufa naa garsiisee irratti sagaduuf jigee.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanallee ka arge ana Yohaannis; hennaa dhagayee fi arge, hennaa kana natti mudhise, luka maleekka'aa afo'otti sagadu'uuf gad kufe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanallee ka arge ana Yohaannis, hennaa dhagayee fi arge; hennaa kana natti mudhise, luka maleekka'aa afo'otti sagadu'uuf gad kufe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Wonittoota kanniin ka dhagayee fi ka arge ani Yohaannisii, wonittoota kanniin yeroo dhagayee fi argetti maleyikkicha wonittoota kanniin natti muldhisee sagadu'uuf, miila isaa jalatti ni kufe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ka waan kana dhage'ee fi dhagge, ana Yohaannis. Yennaa waan kana dhaggee fi dhage'e, ergamaa Waaqaa ka waan kana natti mudhiseef sagadiisaaf, miila isaatitti gadi jige.