Revelation 22:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Inni ammoo, “Lakki! Waan akkasii godhuu hin qaddu! Ani si'ii fi obboleeyyan teeti raagotaa fi worra jecha Kitaaba kanaa eeggatu maraa woliin tajaajila'a; Waaqaaf sagadi” naan jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo isiini waan naani jette, Lakisi, anini akuma keetiifi akuma oboleyaani tante ta raagootatiifi akuma nama dubbi kitaaba kana keesa jiru guutu ch'ufa hojattu. Waaqa guddisi!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii ammoo, “Lakkii! Anin akkuma keetii fi akkuma obboleeyyan tantee ta raagootaatii fi akkuma nama dubbii kitaaba kana keessa jirtu guutuu cufa hojjataa, Waaqaa sagadi” naan jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni ammo, «Akkas akka hin goone uf eegi! Ani sii fi obboloota kee, raattota woliin namoota dubbii kitaabaa kana eegan woliin anillee garbichaa Rabbii sagadi» naan jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee, «Akkas akka hin goone uf eegi! Anillee siif obboloota kee, raattota woliin namoota dubbii kitaabaa kana eegan woliin anillee garbichaa Rabbii sagadi» naan jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maleyikkichi garuu, «Dhiis akkana hin raawwatin! Ani si'ii fi obboleeyyan kee nabiyyootaan woliin, dubbii kitaaba kanaa namoota raawwatan woliin tajaajila'a, Waaqaaf Sagadi!» naan jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni ammoo, «Lakkii! Waan akkasii godhuu hin qaddu! Ani si'ii fi obboleeyyan teeti raagotaa fi worra jecha Kitaaba kanaa eeggatu maraa woliin tajaajila'a; Waaqaaf sagadi» naan jedhe.