Revelation 3:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Nama injifatu Galma Waaqa kiyyaa keessatti utubaa tolcha; ijjumaa keessaa hin bawu. Maqaa Waaqa kiyyaa, maqaa qachaa Waaqa kiyyaa ka Yerusaalemii haareya Waaqa kiyya biraa ol-gubba'aa gadi buutuu, maqaa kiyya haareyalle isa irratti hin barreessa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nama dabsatu anini utuba Mana Waaqa kiyya tolcha, inni haga jiru keesaa imbahu. Maqa Waaqa kiyyatiifi maqa dira Waaqa kiyyale, Yerusalemu hareeti, ta gubba fulla Waaqa kiyyati baatu, isa irati t'aafa. Anileeni maqa kiyya haraa irati t'aafad'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Nama dabsatu anin utubaa Mana Waaqaa kiyyaa tolcha, innii haga jiruu keessaa hinbahu. Maqaa Waaqaa kiyyaatii fi maqaa dira Waaqaa kiyyaallee, Yerusaalem haareetti, ta gubbaa fulaa Waaqaa kiyyaati baatu, isa irratti barreessa. Anilleen maqaa kiyya haaraa irratti barreefadha.”
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Nama injifate galma Waaqa kiyyaa keessatti utubaa isa taasisa. Inni horoma duranaallee achi keessaa hin bayu. Ani maqaa Waaqa kiyyaatii fi maqaa qachaa Waaqa kiyyaa ta Yerusaalemii haarawa sami'ii dhuftuuf maqaa kiyya haarawa isa irratti barreessa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Nama injifate galma Waaqa kiyyaa keessatti utubaa isa taasisa. Inni horoma duranaallee achi keessaa hin bayu. Ani maqaa Waaqa kiyyaatii fi maqaa qachaa Waaqa kiyyaa ta Yeruusaalemii haarawa sami'ii dhuftuuf maqaa kiyya haarawa isa irratti barreessa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Injifatee ka moo'u utubaa Mana Waaqeffannaa Waaqa kiyyaa isa ni taasisaan, achii'llee gonkumaa hin bayu, maqaa Waaqa kiyyaatii fi maqaa magaalaa Waaqa kiyyaa isa irratti ni barreessa, magaalaan tun'llee sami'ii Waaqa kiyya biraa ta buutu, Yerusaalemii haarofititti'i, maqaa kiyya haarawa'llee isa irratti ni barreessa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nama injifatu Galma Waaqa kiyyaa keessatti utubaa tolcha; ijjumaa keessaa hin bawu. Maqaa Waaqa kiyyaa, maqaa qachaa Waaqa kiyyaa ka Yerusaalemii haareya Waaqa kiyya biraa ol-gubba'aa gadi buutuu, maqaa kiyya haareyalle isa irratti hin barreessa.