Revelation 3:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Ergamaa wolde'a kiristaana Laa'odiiqeya'aatii akkas jedhii barreessi: Ka “Ameen” jedhamu, ka dhugaa-bayaa addatama'aa fi dhugaamessa te'e, ka madda dadaa Waaqaa te'e akkas jedha:
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gara malaika gumi Laodikia waan kana t'aafi, Tunini dubbi Amini jed'u, inni ka d'ugefataniifi ka d'ugaati, Waaqi waan ch'ufa isaani uume.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Gara ergamaa gumii Laa'odiiqeyaatti” “Ergaan tun ta ‘Ee'e jenne’ jedhu, innii ka dhugeeffatanii fi ka dhugaati, Waaqii waan cufa isaan uume.”
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa Lodoqiyaa jirtuutiif akkana jedhii barreessi; inni Amiin jedhamu ka amanamee fi ragaan dhuga'aa ka Rabbiin biratti madda uumama maraa ta'e akkana jedha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maleekkaa Woldaa Kiristaanaa Lodoqiyaa jirtuutiif akkana jedhii barreessi: inni Amiin jedhamu ka amanameef ragaan dhuga'aa ka Rabbiin biratti madda uumama maraa ta'e akkana jedha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maleyikkaa woldaya amantii Loodooqiya'aatiif akkana jedhii barreessi, Kun Ameenii ka ta'e, amanama'aa fi ragaa dhugaalessa ka ta'e irraa, uumama Waaqaa maraaf argama ka ta'e irraa ka himame,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ergamaa wolde'a kiristaana Laa'odiiqeya'aatii akkas jedhii barreessi: «Ka ‹Ameen› jedhamu, ka dhugaa-bayaa addatama'aa fi dhugaamessa te'e, ka madda dada Waaqaa te'e akkas jedha: