Revelation 3:15 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani hujii teeti hin beeka; ati o'aa yookiin qabbanowa'aa moti. O'aa yookiin qabbanowaa adoo teetee jiraate sila hin jaalladhaayyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini waan atini tolchite imbeekha; aka atini inowinne yokhaani inqabanoomne imbeekha. Yo sila atini toko gula baate guddo fed'a.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ergaan, “Anin waan atin tolchite cufa inbeeka; akka atin hinoowwinne yokaan hinqabbanoomne inbeeka. Yo silaa atin tokko gula baate guddoo fedha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akka ati qabbanaayaa, yookaan oo'aa hin taane hujii kee hin beeka. Qabbanaayaa yookaan oo'aa uduu taatee misha'a.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akka ati qabbanaayaa yookiin oo'aa hin taane hujii kee hin beeka. Qabbanaayaa yookiin oo'aa uduu taatee misha'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
hujii kee ni beeka, ati qabbanaayaa yookiin oo'a miti, qabbanaayaa yookiin oo'a taatee uduu jiraateetii, mishaa ni ta'a ture!
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani hujii teeti hin beeka; ati o'aa yookiin qabbanowa'aa moti. O'aa yookiin qabbanowaa adoo teetee jiraate sila hin jaaladhaayyu.