Revelation 3:18 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre akka duroontuuf, worqii ibiddaan qulqulloonte akka bitatu, nafi-qullaan fokkisiisu akka hin mudhanneef woyaa adii akka bitattu, dhaggiisaafille akka dandeettu qorsa ilatti buufattu akka ana irraa bitattu si gorsa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi anini si gorsa, Worqi qullo nara bitad'u, aka dureesa taatu. Booftale bitad'u, aka uyifatte qulla tante d'ossitu. Qorsa illale bitad'u, aka lafa gartu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf anin si gorsaa, akka dureessa taatu Warqii qulqulloo ibidaan laalamte, akka uyyifattee qullaa tantee dhossitu wayaa adii, akka lafa gartu qorsa ilaallee naraa bitaadhi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dureessa akka taatuuf worqii ibiddaan baffame uffattee qullaan saala keetii akka hin mudhanneef uffata adii waan ija kee ittiin bareechifattu na irraa akka bitattu si gorsa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dureessa akka taatuuf worqii ibiddaan baffame uffattee qullaan saala keetii akka hin mudhanneef uffata adii waan ija kee ittiin bareechifattu na irraa akka bitattu si gorsa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dureessa ta'u'u'uuf ibiddaan ka qoratame worqqii ana irraa akka bituuf, qaama kee ka qaani'ii dhoffachu'uuf uffata adii akka uffattuuf, argu'uuf'llee akka danddeettu qoricha ijaa bittee akka dibattuuf si gorssa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre akka duroontuuf, worqii ibiddaan qulqulloonte akka bitattu, nafi-qullaan fokkisiisu akka hin mudhanneef woyaa adii akka bitattu, dhaggiisaafille akka dandeettu qorsa ilatti buufattu akka na irraa bitattu si gorsa.