Revelation 3:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Te'uu malee, qachaa Saardeesii keessa namooti diqqaan ka woyaa ifii hin xureessin si woliin jiran. Waan isaanii male waan te'eef, isaan woyaa adii uffatanee ana woliin hin ideeman.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo isani nami gari ka sardi woya teesani int'ureesine. Isani woya adi keyatani na woliini yaatani, wonti suni ya isani malte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo isan namii garii ka saardes, wayaa teessan hinxureessine. Isan wayaa adii naqattanitti na waliin yaatan, wantii sun ya isanii malte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo worri uffata ufii hin batteessine Sardeesitti namoota hago'otu si woliin jira. Waan isaanii male waan ta'eef isaan uffata adii uffataniiti na woliin deeman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo worri uffata ufii hin batteessine Sardeesitti namoota hago'otu si woliin jira. Waan isaanii male waan ta'eef isaan uffata adii uffataniiti na woliin deeman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garuu uffata isaanii ka hin batteessin Sardees keessa namoonni muraafnni si'iin woliin ni jiran, isaan uffata adii uffachuun ka isaaniin malu waan ta'aniif, uffata adii uffatanii anaan woliin ni deeman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Te'uu malee, qachaa Saardeesii keessa namooti diqqaan ka woyaa ifii hin xureessin si woliin jiran. Waan isaanii male waan te'eef, isaan woyaa adii uffatanee na woliin hin ideeman.