Revelation 3:7 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Ergamaa wolde'a kiristaana Filaadelfiya'aatii akkasi jedhii barreessi: Woyyichaa fi dhugaamessa ka te'e, ka furtuu Daawwitiille harkatti qabateeru, ka waan inni cufe eennulle banuu hin dandeenne, ka waan inni banelle eennulle cufuu hin dandeenne akkasi jedha:
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gara malaika gumi Filadelfia waan kana t'aafi: Tunini dubbi nama qulqullotiifi ka d'uga, ka fura Daudi harkaa qabu, ka yo inni bane nami tokoleeni dandae inch'umne, yokhaani yo inni ch'ufe nami tokoleeni dandae imbanne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Gara ergamaa gumii Filaadelfiyaatti” “Ergaan tun qulqullichaa fi ka dhugaa ka te'e, ka furaa Daawit harkaa qabu, ka waan innii bane namii tokkolleen cufuu hindandeennee, ka ammallee waan innii cufe namii tokkolleen banuu hindandeenee sun biraa dhufte” jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Maleekkaa woldaa Kiristaanaa Filaadelfiyaa keessa jirtuu akkana jedhii barreessi. Ka furtuu Daawitii harkaa qabu, ka waan inni cufe eennullee banuu hin dandeennee fi waan inni bane eennullee cufuu hin dandeenne woyyichi dhuga'aa akkana jedha.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Gara Maleekkaa woldaa Kiristaanaa Filaadelifiyaa keessa jirtuu akkana jedhii barreessi. Ka furtuu Daawitii harkaa qabu, ka waan inni cufe eennullee banuu hin dandeenneef waan inni bane eennullee cufuu hin dandeenne woyyichi dhuga'aa akkana jedha.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Woldaya amantii Filaadelfiya'aatiif akkana jedhiitii barreessi, Kun Qulqullu'uu fi dhugaallessa ka ta'e, furttuu mana Daawiitii ka qabatee jiru irraa ka dubbatame, ka inni banu eennu'llee hin cufu, ka inni cufu'llee eennu'llee hin banu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ergamaa wolde'a kiristaana Filaadelfiya'aatii akkasi jedhii barreessi: «Woyyichaa fi dhugaamessa ka te'e, ka furtuu Daawitiille harkatti qabateeru, ka waan inni cufe eennulle banuu hin dandeenne, ka waan inni banelle eennulle cufuu hin dandeenne akkasi jedha: