Revelation 3:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Worri Yihudoota adoo hin te'in nuuti Yihudoota ifiin jedhu, worri dharaammeyyiin, worri wolde'a Seexanaa te'e, gara keeti dhufee miila keeti jalatti akka sagadu, akka ani si jaalladhelle akka beekanu hin tolcha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ch'aqasi! Gumi Sheet'ana ta kiyyibde gosa Yahudi ufiini jettu suni, anini si durati jisse, aka worri si guddisu tolcha. Worri ch'ufti aka anini si jaalad'u imbeekha
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Caqasi! Gumii Sheexanaa ta kiyyibdee gosa Yihudii ufiin jettu sun, anin si duratti jissee, akka warrii si guddisu tolcha. Warrii cuftii akka anin si jaaladhu inbeeka.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Yihuudota uduu hin taane nu Yihuudota jedha'aa soban, worri woldaa seexanaa ta'an gara kee dhufanii luka kee jalatti akka sagadaniif akka isaan akka ani si jaaladhu beekan taasisa.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri Yihuudota uduu hin taane nu Yihuudota jedha'aa soban, worri woldaa seexanaa ta'an gara kee dhufanii luka kee jalatti akka sagadaniif akka isaan akka ani si jaaladhu beekan taasisa.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Eegaa, Yihudota uduu hin ta'in nu'u Yihudota worra jedhan sanniin miseenssa yaa'ii sheexanaa ka ta'an sobddoonni dhufanii miila kee jalatti akka kufan isaan ni taasisa, akka ani si jaaladhe'llee akka beekan isaan ni taasisa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Yihudoota adoo hin te'in nuuti Yihudoota ifiin jedhu, worri dharaameyyiin, worri wolde'a Seexanaa te'e, gara keeti dhufee miila keeti jalatti akka sagadu, akka ani si jaaladhelle akka beekanu hin tolcha.