Revelation 4:11 — Compare Translations

6 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Ati waan mara waan daddeef, isaaniille fedha keetiin waan dadamanee fi waan jiraataneef, Waaqa Goottaa keenna, ulfinna, guddinnaa fi baallii fudhatuu qadda” jedhiisatti jiraniiyyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Aabboofi Waaqa keenna! Atini Guddinnaafi ulfinnafi jabeenna argachu malte. Atini waan ch'ufa uumte, fed'i teetiini wonti ch'ufti uumamte jireenna argatte jed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yoos, “Aabboo fi Waaqaa keenna! Atin Guddinna, ulfinnaa fi jabeenna argachuu malte. Atin waan cufa uumtee, fedhii teetiin wantii cuftii uumamtee, jireenna argatte” jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Gooftaa keennaa fi Waaqa keenna, «Ati maraa waan uumteertuuf, fedhii keetiif waan jiraataniif, ulfinni, jajamuunii fi hunnillee keeti» jedha'aa afoo teessoo isaatitti sagadan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Gooftaa keennaa fi yaa Waaqa keenna, waan maraa waan uumitteef, wonitti marrinuu ka uumamee fi ka jiraatu (jireenna ka argate) fedha keetiin waan ta'eef, ol aanttummaan, ulfinnii fi huminniti'llee si'iif ni male» ni jedhan turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ati waan mara waan daddeef, isaaniille fedha keetiin waan dadamanee fi waan jiraataneef, Waaqa Goottaa keenna, ulfinna, guddinnaa fi baallii fudhatuu qadda» jedhiisatti jiraniiyyu.