Revelation 4:3 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeru sunille, akka dhakoota Yaasiphisiitii fi Saardiyonii ka gatiin guddo'oo, calaqqisee mudhata. Adaala barcumaa mootumma'aa san hiituun Waaqaa ta akka dhakaa gatiin guddo'oo ka Simaaragidoos jedhamuu fakkaattu jirtiiyyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Fuuli isaa akuma d'akha daalachafi diima ifse; ammalle d'awatu barch'uma suni ule Waaqa, ta aka waan dotaatu fakaatuti jira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Fuulii nama barcumaa sun irra taa'uulleen akkuma dhakaa daalachaa fi diimaa ibse; ammallee dhawattuu barcumaa sunii ulee Waaqaa, ta waan dottaattu fakkaattutti jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ka teessoo san irra taa'eeru bifti isaa akka dhagaa gatii guddaa Iyyaasphiidiiniitii fi Sardinoonii calanqisee mudhata. Naannaya teessoo sanii funyaan karaabaa ka bifti isaa dhagaa Maraagidii fakkaatutu jira.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ka teessoo san irra taa'eeru, bifti isaa akka dhagaa gatii guddaa Iyyaasphiidiiniitii fi sardinoonii calanqisee mudhata. Naannawa teessoo sanii funyaan karaabaa ka bifti isaa dhagaa maraagidii fakkaatutu jira.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Teessoo irra taa'ee ka ture bifitti isaa, dooqa Yaasphisiitii fi Saardiyonii ni fakkaata ture, akkuma kana naannaya dooqa Sardiinoosii funyaan karaabaa ka fakkaatu dooqa Maaragidii ka fakkaatu funyaan karaabaa ni ture,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeru sunille, akka dhakoota Yaasiphisiitii fi Saardiyonii ka gatiin guddo'oo, calaqqisee mudhata. Adaala barcumaa mootumma'aa san hiituun Waaqaa ta akka dhakaa gatiin guddo'oo ka Simaaragidos jedhamuu fakkaattu jirtiiyyu.