Revelation 4:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Akkasuma, barcumaa mootumma'aa san fuula dura abbaayaan daaw'iti'ii, qulqulluun cabbii fakkaattu jirtiiyyu. Oddu'uu fi adaala barcumaa mootumma'aa, dadaan lubbuu qaddu arfan ta duraa fi duubaan ila hedduu qaddu jirtiiyyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Barch'uma suni durale waan aka galaana dawiti ka bibiliqaati jira. Ammalle d'awatu barch'uma suni, gama ch'ufa waan lubbu qaba afuriti jira ka ila duraafi duubale qabdu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Barcumaa sun duraalle waan akka galaana Daawitii ka bibiliqaatti jira. Ammallee dhaattuu barcumaa sunii, gama cufa waan lubbuu qabaa afuriitti jira; ka ila hedduu duraa-duubaallee qabdu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Afoo teessoo isaa waan galaana bilillee fakkaatu ka akka uf arga'aa qulqullaayeerutu jira. Wodhakkaa naannoo teessoo sanii bineensonni uumamaa afurtu jira. Isaanillee duraa duubaa ija qaban.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Afoo teessoo isaa waan galaana bilillee fakkaatu ka akka uf arga'aa qulqullaayeerutu jira. Wodhakkaa naannoo teessoo sanii bineensonni uumamaa afurtu jira. Isaanillee duraa duubaa ija qaban.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Teessoo isaa durana qulqulluu ka ta'ee fi ka garbi ciisaan daawi'ite'ee ka calaqisu ni jira ture, jiddu'uu fi naannaya teesso'oo duraaf gara duubaatiin ija baayi'ee ka qaban bineensonni, afurii ni jiran turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkasuma, barcumaa mootumma'aa san fuula dura abbaayaan daaw'iti'ii, qulqulluun cabbii fakkaattu jirtiiyyu. Oddu'uu fi adaala barcumaa mootumma'aa, dadi lubbuu qaddu arfan ta duraa fi duubaan ila hedduu qaddu jirtiiyyu.