Revelation 4:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Dadaan lubbuu qaddu ta qaraa neenqa fakkaatti; ta lammeesso'oo qotiyyoo fakkaatti; ta sadeesso'oo fuula fuula namaa fakkaatu qaddi; ta arfeesso'oo risaa koolaan ka'u fakkaatti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti suni ka qara nyeench'a fakaatti; ka lameeso yabiye looni fakaatti; ka sadeeso fuula aka fuula nama jiru qabdi; ka afreeso risa, barisu fakaatti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii qaraa ka lubbuu qabaa sun nyeenca fakkaatti; ka lammeessoo yabbiyyee loonii fakkaatti; ka sadeessoo fuula akka fuula namaa jiru qabdi; ka afreessoo risaa barrisu fakkaatti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bineensa sanniin keessaa ka duraa leenca fakkaata. Ka lammeesso'oo waatiyyoo fakkaata. Ka sadeesso'oo fuulli isaa akka fuula namaati; ka arfeesso'oo ammo bajjaan fakkaata.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bineensa sanniin keessaa ka duraa leenca fakkaata. Ka lammaffa'aa waatiyyoo fakkaata. Ka sadaffa'aa fuulli isaa akka fuula namaati; ka arfaffa'aa ammoo bajjaan fakkaata.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bineenssi jalqabaa leencca ni fakkaata ture, lammaffaa qotiyyoo ni fakkaata ture, sadaffaan fuula namaa fuula fakkaatu ni qaba ture, arffafaan'llee risaa bararu ka fakkaatu ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dadi lubbuu qaddu ta qaraa neenqa fakkaatti; ta lammeesso'oo qotiyyoo fakkaatti; ta sadeesso'oo fuula fuula namaa fakkaatu qaddi; ta arfeesso'oo risaa koolaan ka'u fakkaatti.