Revelation 4:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Dadaan lubbuu qaddu arfanuu koola jaan jaan qaddi; keessaa fi gubba'alleen ila hedduu qaddi. Halkanii fi guyyaa adoo hafuura hin fudhatin, “Goottaan Waaqi waan mara dande'u, ka duri jiru, ka amma jiruu fi ka dhufu, Woyyicha, Woyyicha, Woyyicha!” jedhaa faarfatti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti lubbu qaba suni ch'ufti koola jaa qabdi alaafi keesale ila qabdi halkani guyya sirba illakiftu. Qulqullo, qulqullo, qulqullo, Aabbo Waaqa gudda, ka duri jiru, ka ammalle jiru, ka hegerile jiru jette sirbite.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii lubbuu qabaa sun cuftii koola jaha jaha qabdi; alaa fi keessaallee ila qabdi; halkanii guyyaa adoo hafuuraa hinbaafannee, “Aabboo Waaqii guddaan ka waan cufaa danda'u, ka duriillee jiru, ka ammallee jiru, ka duranaallee jiru qulqulloo, qulqulloo, qulqulloo” jettee, Waaqaa faarsiti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Busaayaan arfanuu koola jaha jaha qaban. Keessaa fi gubbaan isaanii ija heddu qaba. Isaan halkanii fi guyyaa uduu hara hin baafatin. «Waaqa Gooftaa waa maraa danda'u, ka dur jiru, ka ammallee jiruu fi ka dhufu'uuf ta'u, Woyyuu, Woyyuu, Woyyuu!» jedha'aa faarfatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Busaayonni arfanuu koola jaha jaha qaban. Keessaa fi gubbaan isaanii ija heddu qaba. Isaan halkanii fi guyyaa uduu hara hin baafatin «Waaqa Gooftaa waa maraa danda'u, ka dur jiru, ka ammallee jiruu fi ka dhufu'uuf ta'u, Woyyuu, Woyyuu, Woyyuu!» jedha'aa faarfatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bineensonni arffanuu tokkoon tokkoon isaanii koola jaha ni qaban turan, naannoo isaaniitii fi keessa isaanii titti'llee, ijoonni itti guutanii jiran, halkanii fi guyyaa, «Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu, Waaqa Gooftaa mara danda'u, ka ture, ka jiruu fi ka dhufu'llee, jechuu addaan hin kutan turan.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dadi lubbuu qaddu arfanuu koola jaan jaan qaddi; keessaa fi gubbaalle'een ila hedduu qaddi. Halkanii fi guyyaa adoo hafuura hin fudhatin, «Goottaan Waaqi waan mara dande'u, ka duri jiru, ka amma jiruu fi ka dhufu, Woyyicha, Woyyicha, Woyyicha!» jedhaa faarfatti.