Revelation 4:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa dadaan arfanuu, ka barcumaa mootumma'aa irra te'eeruu fi ka haga bara baraa jiraatuuf ulfinna, guddinna fi galata kennitu maraa,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo wonti Lubbu qaba afraani sirba guddinnatiifi ka ulfinnatiifi ka galata nama barch'uma guddinna gubba tau, ka haga hegeri tau sirbitu,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo wantii Lubbuu qabaa afraan sirba guddinnaa, ka ulfinnatii fi ka galataa nama barcumaa guddinnaa gubbaa taa'u, ka haga hegerii taa'uu sirbitu,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Busaayonnillee ka teessoo irraa ta'ee fi ka baraa haga bara baraa ka jireennaan jiraatu hennaa ulfinna jaju'u fi galata isaa kennaniif,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Busaayonnillee ka teessoo irraa ta'ee fi ka baraa haga bara baraa ka jireennaan jiraatu hennaa isaa ulfinna jaju'u fi galata kennaniif,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bineensonni ka teessoo irra taa'ee fi baraa haga baraa titti ka jiraatuuf, ol aanttummaan, ulfinnaa fi galata yeroo dhiyeessan marattuu,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa dadi arfanuu, ka barcumaa mootumma'aa irra te'eeruu fi ka haga bara baraa jiraatuuf ulfinna, guddinna fi galata kennitu maraa,