Revelation 5:11 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Kanaan duuba ilaalee, qoonqoo ergantoota heddu'uu dhage'e; laakkossi isaaniille kuma heddu'uu fi miloona heddu'u. Isaan adaala barcumaa mootumma'aa, adaala dadaa lubbuu qadduutii fi maangudootaa naannayaneeran.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle anini millannaani malaika kunki heddu d'agaye, ta aka kunki kunki! Barch'uma guddinnatiifi waan Lubbu qaba afraanifi jaarole marsite,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin ammallee millannaan ergamtoota kuma hedduu dhagaye, ta akka kuma kuma! Barcumaa guddinnaatii fi waan Lubbuu qabaa afraanii fi jaarroljee marsitee,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa naannaya teessoo busaawotaatii fi manguddootaatitti laagaa Maleekkaa hedduu dhagaye; laakkobsi isaanillee shikita hennaa shikitaatii fi kuma hennaa kumaatamaati.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achiin maayessa naannaya teessoo busaawotaatiif mangudootaatitti laagaa Maleekkaa hedduu dhagayee, laakkofsi isaanillee shikita hennaa shikitaatiif kuma hennaa kumaatamaati.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Garasi'llee yoo laalu teesso'oo fi bineensota, naannaya jaarsota'llee qoonqqa maleyikkoota baayi'e'ee ni dhagaye, baayi'nni isaanii'llee kuma baayi'e'ee fi miliiyoona baayi'e'etti ka lakkaayamu ture,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kanaan duuba ilaalee, qoonqoo ergantoota heddu'uu dhage'e; laakkossi isaaniille kuma heddu'uu fi miliyoona heddu'u. Isaan adaala barcumaa mootumma'aa, adaala dada lubbuu qadduutii fi maanguddootaa naannowaneeran.