Revelation 5:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba dadaan ol-gubba'aa, ta lafa irraa, ta laafaan jalaa, ta abbaayaa keessaatii fi ta isaan mara keessa jirtu marti, “Galanni, guddinni, ulfinnii fi baalliin, ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeruu fi Hoolichaaf, bara baraa haga bara baraa te'u” jedhaa faarfatanuun dhage'e.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani anini waan gubba jiratiifi, ka lafa jiratiifi ka lafa jala jiratiifi, ka bisaani keesa jirale waan lafa tana keesa jira ch'ufa, ka sirba d'agaye; gara nama barch'uma guddinna gubba taufi gara Ilme Hoola. Faarufi guddinnaafi ulfinnafi jabeenni ha tahu. Haga hegeri! jed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan anin waan gubbaa jiraa, ka lafa jiraa, ka lafa jala jiraatii fi ka bisaan keessa jiraallee waan lafa tana keessa jiraa cufa ka, “Faaruunii, guddinnii, ulfinnaa fi jabeennii haga jiruu jireennaallee, nama barcumaa guddinnaa gubbaa taa'uu sunii fi Eleemoo holaatii ha ta'uu!” jedhee sirbaa dhagaye.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ardii, samii'i, lafa jalattii fi uumamni galaana irra jiranii fi wonti isa keessa jiru martuu hennaa, «Eebbi, ulfinni, galanni, hunni baraa haga bara baraa ka teessoo isaa irra taa'eef, hoolaa Rabbiitii haa ta'u» jedhan dhagaye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ardii, samii'i, lafa jalattii fi uumamni galaana irra jiranii fi wonti isa keessa jiru martuu hennaa, «Eebbi, ulfinni, galanni, hunni, baraa haga bara baraa ka teessoo isaa irra taa'eef, hoolaa Rabbiitii haata'u» jedhan dhagaye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Sami'ii fi ardi'itti, ardi'ii gadii fi garba ciisaa keessa isaanii titti uumaminni marri'llee, «Ka teessoo irra taa'ee fi Hoolichaaf'llee, galata, ol aanttummaa, ulfinnii fi huminni'llee, baraa haga baraa titti haa ta'u!» yoo jedhan, ni dhagaye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba dadi ol-gubba'aa, ta lafa irraa, ta laafaan jalaa, ta abbaayaa keessaatii fi ta isaan mara keessa jirtu marti, «Galanni, guddinni, ulfinnii fi baalliin, ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeruu fi Hoolichaaf, bara baraa haga bara baraa te'u» jedhaa faarfatanuun dhage'e.