Revelation 5:14 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Dadaan lubbuu qaddu arfan, “Ameen!” jette; maanguddootille gad jiddee sagadde.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti Lubbu qaba afraani kaani, Amini! jette, jaaroleeni lafati jidde Waaqa kad'atte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii Lubbuu qabaa afraan kaaniilleen, “Ee'e jenne!” jettee, maanguddoon lafatti jiddee Waaqaa sagadde.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Busaayaan arfanuu, «Amiin!» jedhan; manguddoonni kufanii sagadan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Busaayaan arfanuu, «Amiin!» jedhan manguddoonni kufanii sagadan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bineensonni arfan'llee, «Ameen!» ni jedhan, jaarsotiin'llee kallacha isaaniitiin gonbbifamanii, ni sagadan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dadi lubbuu qaddu arfan, «Ameen!» jette; maanguddootille gad jiddee sagadde.