Revelation 5:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba, ka Hoolicha qalame fakkaatu tokko, dadaa lubbuu qaddu afurii fi maanguddootaan naanneffamee, odduu barcumaa mootumma'aa dhaabbateeruun dhagge. Hoolichi sun gaafa torbaa fi ila torba qaba; isaaniille Ayyaanota Waaqaa torba ka gara lafa duudi'ii ergamane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani anini Ilme Hoola, ta jiddu barch'uma guddinna ejitu arge ta waan lubbu qaba afraanifi jaaroleeni marsite. Ilmeeni Hoola waan ijeesani fakaatti. Gaafa torbaafi ila torba qabdi; isileeni lubbu Waaqa torbaani ta lafa ch'ufati ergani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan anin elemoo hoolaa ka waan ijjeessan fakkaatu, ka waan lubbuu qabaa afraanii fi jaarrolleen marsite, ka jidduu barcumaa guddinnaa ejju arge. Elemoon holaa gaafa torbaa fi ila torba qaba; warrii torbaan sulleen hafuura Waaqaa torbaan ka lafa cufatti ergan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Teesso'oo fi busaayaa arfan wodhakkaa, manguddoota jiddu'uttillee akka hoolaa qalmaatitti dhaabatee arge. Gaafa torbaa fi ija torba qaba. Isaanillee Ayyaannan Rabbii torban ka gara lafa maraa ergaman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Teesso'oo fi busaayota arfan wodhakkaa, manguddoota jiddu'uttillee akka hoolaa qalmaatitti dhabatee arge. Gaafa torbaa fi ija torba qaba. Isaanillee Ayyaannan Rabbii torban ka gara lafa maraa ergaman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti teessoo isaatii fi bineensota arfan jiddu'utti, jaarsotii jiddu'utti'llee Hoolaan waan qalame fakkaatu dhaabatee ni arge, Hoolaan kun'llee gaafota torbaa fi ija torba ni qaba ture, isaan'llee gara arddi'ii mara ka ergaman Hafuurota Waaqaa torbban.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba, ka Hoolicha qalame fakkaatu tokko, dada lubbuu qaddu afurii fi maanguddootaan naanneffamee, odduu barcumaa mootumma'aa dhaabbateeruun dhagge. Hoolichi sun gaafa torbaa fi ila torba qaba; isaaniille Ayyaanota Waaqaa torba ka gara lafa duudi'ii ergamane.