Revelation 5:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa inni kitaaba mara'aa san fuudhe, dadaan lubbuu qaddu afurii fi maanguddooti diddamii afur Hoolicha san fuula duratti gad laffatti jigane; tokkoon tokkoon isaanii waan daadimata kolbaa Waaqaa te'e kiraara gudda'aa fi girgiraa worqi'iin hujame ka hixaanaan guutame qabataneeraniiyyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isiini akasi tolchinaani wonti lubbu qaba afraani kaanifi, jaaroleeni diddami afuri taani Ilme Hoola durati jidde. Worri ch'ufti kiraarifi qori hit'aana ta kad'acha gumi Waaqa harka qaba.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innni akkasi tolchinaan wantii lubbuu qabaa afraan kaanii fi jaarrolleen diddamii afurii taan elemoo hoolaa duratti jidde. Warrii cuftii kiraaraa fi qorii hixaanaa ta kadhachaa gumii Waaqaa harka qaba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa kitaaba fuudhe, busayoonni afurii fi manguddoonni diddamii afurii hoolaa afo'otti kufanii isaan maruu girgiraa worqi'ii ka hixaanaatii fi faatee qulqullootaa meeshaa ittiin waaqeffatan qaban.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa kitaaba fuudhe, busayoonni afurii fi manguddoonni diddamii afurii hoolaa afo'otti kufanii, isaan maruu girgiraa worqi'ii ka hixaanaatiif faatee qulqullootaa meeshaa ittiin kaddaaman qaban.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
kitaaba kaldho'oo maramaa yeroo fudhatetti, bineensonni arffanii fi jaarsotiin diddamii arffanuu Hoolicha duranatti kallacha isaaniitiin ni gonbbifaman, tokkoon tokkoon isaanii'llee kiraara guddaa qabatanii jiran turan, akkuma kana kadhannaa Qulqullu'uu ka ta'e, ixaanni ka itti guuttamee jiru gilgilii worqqi'ii qabatanii jiran turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa inni kitaaba maramaa san fuudhe, dadi lubbuu qaddu afurii fi maanguddooti diddamii afur Hoolicha san fuula duratti gad lafatti jigane; tokkoon tokkoon isaanii waan daadimata kolbaa Waaqaa te'e kiraara gudda'aa fi girgiraa worqi'iin hujame ka hixaanaan guutame qabataneeraniiyyu.