Revelation 5:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan faaruu haareya faarfataa, “Ati kitaaba mara' aa san fudhatiisaaf, chaappota irraa rigiisaafille ka malte; sababille ati qalantee, dhiiga keetiin gosa maraa keessaa, afaan maraa keessaa, kolbaa maraa keessaa, sanyii nama maraa keessaa, namoota Waaqaaf woddeerta.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Sirba haraa sirbani, waan jed'ani: Aki atini woraqata fud'atte beesisa isi ch'absitu sii malte. Wonti akanatiifi si ijeesani, atini dua teetiini nama Waaqa bitte, gosa ch'ufaafi afaani ch'ufaafi lafa ch'ufa keesa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Sirba haaraa sirbanii, “Atin waraqata fudhattee beessisa isaa cabsuun la sii malte. Wantii akkanaatiif si ijeessan, atin du'a teetiin gosa cufa, afaan cufaa, nama cufaa fi lafa cufa keessaa nama Waaqaa bitte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Kitaaba fuutee chaappootallee hiikuun keeti, waan qalamteef dhiiga keetiin, Rabbiif, afaan maraa, gosa maraa, banii maraa keessaa namoota furtee;
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Kitaaba fuutee chaappootallee hiikuun keeti, waan qalamteef dhiiga keetiin, Rabbiif, afaan maraa, gosa maraa, banii maraa keessaa namoota furtee; jeennata Waaqa keennaatiif gadicha akka ta'an gooteerta; adunyaa irrattillee hin mooyan» jedha'aa laagaa haarawaan faarfatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Faarfannaa haarawa'llee akkana jedhu'uun ni faarssan, «Dhiiga keetiin gosa maraa fi afaan mara irraa, gosaa isaanii mara irraa fi ummata mara keessaa, namoota Waaqaaf bitu'uuf, ati waan qalamitteef, kitaaba kaldho'oo maramaa fudhachu'uu fi chaaphaawwan'llee banu'uuf, ka siin male taatee jirta.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan faaruu haareya faarfataa, «Ati kitaaba maramaa san fudhatiisaaf, chaappota irraa rigiisaafille ka malte; sababille ati qalantee, dhiiga keetiin gosa maraa keessaa, afaan maraa keessaa, kolbaa maraa keessaa, sanyii nama maraa keessaa, namoota Waaqaaf wodatteerta.