Revelation 6:1 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Hoolichi sun chaappaa torba keessaa ka qaraa banuun dhagge; dadaa lubbuu qaddu arfan keessalle'ee tokkochi qoonqoo akka mandiisu'uutiin, “Koy!” jedhuun dhage'e.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani anini ilme hoola ta beesisa torbaani woraqatani ch'ufani keesaa ka qara ch'absitu arge. Jennaani waan lubbu qaba kaani toko qonqo aka mandiisutiini kooti jettu d'agaye.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan anin elemoo hoolaa adoo inni beessisa torbaan keessaa tokko bannuutti jiruu argee, waan lubbuu qabaa afran keessaallee tokko ta qoonqoo akka mandisutiin, “kootti” jettu dhagaye.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa hoolaan hennaa chaappaa torbaa keessaa tokko yoo hiiku arge; busaayaa arfan keessaa tokko laagaa gigissaa fakkaatuun «Koottuu laali» hennaa jedhu dhagaye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hoolaanillee hennaa chaappaa torbaa keessaa tokko yoo hiiku arge; busaayaa arfan keessaa tokko laagaa gigissaa fakkaatuun «Koottuu» laali hennaa jedhu dhagaye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti Hoolchi chaaphaawwan torbban keessaa ka jalqabaa yoo banu ni arge. Bineensota arfan keessaa'llee tokkochi qoonqqa akka hangaasu'uu qoonqqa gigissuun, «Koottu!» yoo jedhu, ni dhagaye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Hoolichi sun chaappaa torba keessaa ka qaraa banuun dhagge; dada lubbuu qaddu arfan keessalle'ee tokkochi qoonqoo akka mandiisu'uutiin, «Koy!» jedhuun dhage'e.