Revelation 6:10 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaanille qoonqoo guddo'oon, “Goottaa ol aana'a, woyyichaa fi dhugaamessa, worra lafa tana irra le'u irratti murtee, dhiiga keenna nu'uuf adoo hin baasin, haga yoomii turta?” jedhaa iyyane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qonqo guddooni iyani waan jed'ani, Waaqa Gudda, qulqullofi ka d'uga! Atini yoomi worra lafaa wollaala iti murte, maro worri nu ijeeseefi worra gaargalchita?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Warrii Qoonqoo guddoon iyyee, “Waaqaa guddaa, qulqulloo fi ka dhugaa! Atin yoom warra lafaa wallaala itti murtee, waan warrii nu ijeeseef warra gaargalchita?” jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan laagaa gudda'aan, «Rabbii maraa olii, Woyyu'uu fi ka dhuga'aa! haga yoomii hin murteessitu? dhiiga keenna worra lafa irra jiraatan harkaa maaf haluu nuu hin baafne?» jedha'aa iyyan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Gooftaa, dhuga'aa fi woyyuu keenna haga yoomii hin murteessitu? dhiigaa keenna worra lafa irra jiraatan harkaa maaf haluu nu hin baafne?» jedhanii laagaa gudda'aan iyyan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan'llee qoonqqa ol aana'aan, «Qulqullu'uu fi dhugaalessa, yaa Waaqa jiraataa, namoota arddii irra jiran irratti ka hin murtteesine fi waayee dhiiga keennaatiif'llee haloo ka hin baanne, haga yoomii titti!» jedha'aa ni iyye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaanille qoonqoo guddo'oon, «Goottaa Ol Aana'a, woyyichaa fi dhugaamessa, worra lafa tana irra le'u irratti murtee, dhiiga keenna nu'uuf adoo hin baasin, haga yoomii turta?» jedhaa iyyane.