Revelation 6:2 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Anille midhadhee, farda adii tokko dhagge; ka farda san irra tee'eerulle daaya qabateera; kallachi isaaf kennamee, innille akka mooyataa tokkoo mooyatiisaaf gad baye.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini millannaani farda borora arge. Nami isa yaabatu guube harkaa qaba, sure hayyuma kennaniifi. Inni aka nama nama dabsatu dabsachu d'aqe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin millannaan farda borora tokko arge; namii isa yaabbatu xiyya harkaa qaba; surree hayyummaa kennaniif. Innii ka waan cufa dabsatu ta'ee dabsachaa gara dabsachaat deemuuf ka'ee ba'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Anillee midhadhee farda adii tokko afoo kiyyatti arge. Ka farda san yaabbateeru eboo qabatee ture. Badhaafni kennameefii Inni mooyataan mooyatu'uuf baye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Anillee midhadhee farda adii tokko afoo kiyyatti arge. Ka Farda san yaabbateeru eboo qabatee ture. Badhaasa kennameefii mooyata'aati moyyatu'uuf baye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kunoo fardda adii ni arge, ka farda irra taa'ee jiru'llee xiyyaa qabatee jira ture, gonfataan'llee ni kennameef, inni'llee injifataa ta'ee moo'aa injifanno'oo gara injifanno'oo titti, deemu'uuf ni baye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Anille midhadhee, farda adii tokko dhagge; ka farda san irra tee'eerulle guubee qabateera; kallachi isaaf kennamee, innille akka mowataa tokkoo mowatiisaaf gad baye.