Revelation 6:3 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa Hoolichi sun chaappaa lammeessoo bane, dadaan lubbuu qabu ka lammeesso'oo, “Koy!” jedhuun dhage'e.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ilmeeni Hoola ammalle beesisa lameeso ch'absite. anini waan lubbu qaba kaani ka lameeso kooti naani jettu d'agaye.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eleemoon Hoolaa ammallee beessisa lammeesoo banee jennaan, anin waan lubbuu qabaa kaan ka lammeessoo ka “Kootti” naan jettu dhagaye.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa chaappaa lammeesso'oo hiike, busaayaan lammeesso'oo hennaa «koottuu laali» jedhu dhagaye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa chaappaa lammaffa'aa hiike, busaayaan lammaffa'aa hennaa koottuu laali jedhu dhagaye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Hoolichi chaaphaa lammaffaa yeroo banetti, bineenssi lammaffaa, «Koottu!» yoo jedhu, ni dhagaye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa Hoolichi sun chaappaa lammeessoo bane, dadi lubbuu qabu ka lammeesso'oo, «Koy!» jedhuun dhage'e.