Revelation 6:4 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba fardi dhibiin diimaan ibiddi gad baye; ka farda san irra tee'eerulle, akka nageya lafa irraa balleesuu fi akka namooti wol qalanu akka godhuuf baalliin kennanteef; goraadeen guddaalle kennanteef.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Fardi d'ibiini diimaani d'ufe. Nama isa yaabatu jabeenna inni lola lafatiini d'ufu kennaniifi, aka nami wolijeesu; ammalle sheefti guddo toko kennaniifi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Fardii daamaan tokkolleen dhufe. Nama isa yaabbatu jabeenna innii waraana lafaattiin dhufu kennaniif, ammallee akka namii wal obbaasu goraadee guddoo tokko kennaniif.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Fardi daamaan biraallee hin baye; ka farda san irraa taa'ellee nagaya lafa irraa fudhatu'uuf namoonnillee akka wol qalan baalliinii fi guraadeen guddaan kennameef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Fardi daamaan biraallee baye ka farda san irraa taa'ellee nagaya lafa irraa fudhatu'uuf namoonillee akka wol qalan baalliinii fi guraadeen guddaan kennameef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ka bira'aa farddi diimaan ifaan ni baye, ka farda yaabbate nagaya arddii irraa akka dhabamisiisuu fi namoonni ufii isaaniitii akka wol fixan taasisu'uuf aangoon ni kennameef, biloofinni guddaan'llee ni kennameef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba fardi dhibiin diimaan ibiddi gad baye; ka farda san irra tee'eerulle, akka nageya lafa irraa balleessuu fi akka namooti wol qalanu akka godhuuf baalliin kennanteef; shallaagaan guddaalle kennameef.