Revelation 6:5 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa Hoolichi sun chaappaa sadeesso'oo bane, dadaan lubbuu qabu ka sadeesso'oo, “Koy!” jedhuun dhage'e. Anille achi midhadhee farda gurraacha tokko dhagge; ka farda san irra tee'eeru waan ittiin madaalanu harkatti qabateera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Ilmeeni Hoola beesisa sadeeso ch'absite. Ammalle waan lubbu qaba kaani ka afreeso, ka kooti naani jettu d'agaye. Anini millannaani farda guraacha toko arge. Nami isa yaabatu waan woiini biimani harka qaba.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eleemoon Hoolaa beessisa sadeessoo banee jennaan ammallee waan lubbuu qabaa kaan ka sadeesso ka, “Kootti” naan jettu dhagaye. Millannaan farda gurraacha tokko arge. Namii isa yaabbatu waan wa'iin kiilan harkaa qaba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa chaappaa sadeesso'oo hiike busaayaan sadeesso'oo hennaa «Koottuu! laali» jedhu dhagaye. Anillee hennaa fardi gurraachi bayu arge, ka isa irra taa'eerullee waan madaaluun harkaa qaba.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa chaappaa sadaffa'aa hiike busaayaan saddaffa'aa hennaa «Koottuu! laali» jedhu dhagaye. Anillee hennaa fardi gurraachi bayu arge, ka isa irraa taa'eerullee waan madaaluun harkaa qaba.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Hoolichi chaaphaa sadaffaa yeroo banetti bineenssi sadaffaa, «Koottu!» yoo jedhu ni dhagaye, kunoo farda gurraacha ni arge, ka farda yaabbate'llee meeshaa ulfaatinna ittiin madaalli'ii harka isaa titti qabatee jira ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa Hoolichi sun chaappaa sadeesso'oo bane, dadi lubbuu qabu ka sadeesso'oo, «Koy!» jedhuun dhage'e. Anille achi midhadhee farda gurraacha tokko dhagge; ka farda san irra tee'eeru waan ittiin madaalanu harkatti qabateera.