Revelation 6:8 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ani midhadhee, farda borora tokko dhagge; ka farda san irra tee'eeru maqaan isaa, “Du'a” jedhama; mootummaan du'aalle dubaan isa hordofiisatti jirtiiyyu. Du'aa fi mootummaan du'aa goraade'een, beelaan, bala'aa fi bineensota lafa irraatiin akka ijjeesanuuf, lafa irratti harka afur keessaa harka tokko baalliin isaaniif kennante.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini millannaani farda borora toko arge. Nama isa yaabatu maqaani isa Duisa, Fullaani ekheraani teetuleeni isa gula deemte. Jabeenna qooda afreeso ka lafa kennaniifi, aka sheeftifi beelafi d'ukubafi bineensa alaatiini nama fit'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin millannaan farda boora tokko arge; ka isa irra taa'u maqaan isaa, “Du'a” Fulaan ekeraan teetuulleen isa gula deemti. Jabeenna akka warri nama lafa tanaa harka afur keessaa tokko goraadeen, beelaan, dhukubaa fi bineensa alaatiin fixu irree kennaniif.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ammallee hennaa fardi Hamarri bayu arge, ka isa yaabbateeru maqaan isaa du'a. Badiin bara baraa isa duukaa deeme guraade'een, beela, du'a bineensonni lafaa akka isa ajjeesan lafa irratti harka afurii baalliin kennameef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ammallee hennaa Fardi Hamarri bawu arge, ka isa yaabbateeru maqaan isaa du'a. Badiin bara baraa isa duukaa deeme guraade'een, beela, du'a bineensonni lafaa akka isa ajjeesan lafa irratti harka afurrii baalliin kennameef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kuunoo farda hamara ni arge, ka farda yaabbatee jiru'llee maqaan isaa du'a ni jedhama ture, siiooli'llee isa ni horddofaan ture, du'aa fi siiooli'llee harka afur keessaa harka tokkoo arddi'ii lolaan, beelaan, dhibe'ee fi bineensota arddi'iitiin akka ajjeesaniif, aangoon isaanii ni kennameef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani midhadhee, farda borora tokko dhagge; ka farda san irra tee'eeru maqaan isaa, «Du'a» jedhama; mootummaan du'aalle duubaan isa hordofiisatti jirtiiyyu. Du'aa fi mootummaan du'aa shallaaga'aan, beelaan, bala'aa fi bineensota lafa irraatiin akka ijjeesanuuf, lafa irratti harka afur keessaa harka tokko baalliin isaaniif kennante.