Revelation 6:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa Hoolichi sun chaappaa shaneesso'oo bane, lubbuu worra marroo Dubbii Waaqaatii fi marroo dhugaa bayaneef qalamanee, addee ciincaan ciinceffamu jalatti dhage.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Ilmeeni Hoola beesisa shaneeso ch'absite waan sorio irati qalani jalati, anini lubbu worra maro dubbi Waaqa dubbatte isa d'ugeeseefi, ijeesani arge.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan elemoon Hoolaa beessisa shaneessoo banee waan sooriyyoo irratti qalan jalaatti, anin lubbuu warra marroo dubbii Waaqaa dubbattee isa dhugeesseef, ijjeesani arge.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa chaappaa shaneesso'oo hiike mi'a kennaa irratti dhiyeessan jalatti lubbuu worra dubbii Rabbii eeganii raganiif qalamanii arge.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa chaappaa shanaffa'aa hiike, mi'a kennaa irratti dhiyeessan jalatti lubbuu worra dubbii Rabbii eeganii raganiif qalamanii arge.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Chaaphaa shanaffaa yeroo itti banametti, waayee dubbii Waaqaatii fi waayee ragummaa isaan kennaniitiif, lubbuuwwan namoota ajjeefamanii furddaa gaditti ni arge,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa Hoolichi sun chaappaa shaneesso'oo bane, lubbuu worra marroo Dubbii Waaqaatii fi marroo dhugaa bayaneef qalamanee, addee ciincaan ciinceffamu jalatti dhagge.