Revelation 7:1 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Kanaan duuba ergantooti Waaqaa arfan, moggaa lafaa arfanuu dhaabbatanee, akka lafatti yookiin abbaayaa guddo'otti, yookiin muka kamille'etti qileensi hin dhoonne, qileensa maddii arfanii dhoogganuun dhagge.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi waan kana anini malaika afuri ta qota lafa afraani ejitu arge, ta bubbe afraani lafa ira d'owartu, aka bubbeeni tokoleeni lafafi galaana yokhaani mukhati imbubimne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eegii waan kanaa anin ergamtoota afur ta qota lafaa afraan ejaajitee, akka bubbeen tokkolleen lafaa fi galaana yokhaan mukhaatti hinbubimne bubbee afraan lafa irraa dhowwitu arge.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Asiin maayii kallattii arfaniin Maleekkota afuurii ka lafa irra dhaabataniiran arge; isaanillee qilleensi yoo lafa irra jiraate, yookaan galaana, yookaan muka kamittillee kallattii arfaniin akka hin bubbifne dhooggan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Asiin maayii kallatii arfaniin Maleekkota afuurii ka lafarra dhaabataniiran arge; isaanillee qilleensi yoo lafa irraa jiraate yookiin galaana yookiin muka kamittillee kallattii arfaniin akka hin bubbifne dhooggan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti maleyikkoonni afurii kallattii arfan arddi'iitiinuu dhaabatanii ni arge, isaan'llee arddii irra'llee ta'ee garba ciisaa yookiin muka irratti'llee bubbeen woyiituu akka hin bubbifnneef, kallattii arfaniinuu ka dhufan bubbeewwan ariddi'ii ni qaban.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kanaan duuba ergantooti Waaqaa arfan, moggaa lafaa arfanuu dhaabbatanee, akka lafatti yookiin abbaaya'atti, yookiin muka kamille'etti qilleensi hin dhoonne, qilleensa maddii arfanii dhoogganuun dhagge.