Revelation 7:12 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Ameen! Waaqa keennaaf leelloon, guddinni, qaruun, galanni, ulfinni, hunnaa fi jabeenni bara baraa haga bara baraa te'u! Ameen!” jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Amini! Faarufi guddinnaafi qaroomafi galatafi ulfinnafi jabeennaafi humniti ta Waaqa keennati, ammafi hegerile! Amini!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Ee'e jenne! Faaruun, guddinnii, qaroomii, galatii, ulfinnii, jabeennaa fi humnitii ta Waaqaa keennaati, ammaa fi haga jiruu jireennaallee! Ee'e jenne” jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Amiin! eebbii, ulfinni, ogummaan, galanni, jajamuun, hunninii fi jajjabeennillee baraa haga bara baraa Waaqa keennaaf haa ta'u! Amiin!» jedhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Amiin! eebbii, ulfinni, ogummaan, galanni, jajamuun, hunninii fi jajjabeennillee baraa haga bara baraa Waaqa keennaaf haata'u! Amiin!» jedhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkana'llee ni jedhan, «Ameen farfannaa, ol aanttummaa, ogummaa, galataa fi ulfinni, humnnitii fi jabeenni'llee, Waaqa keennaaf, baraa haga baraa titti haa ta'u! Ameen.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Ameen! Waaqa keennaaf leelloon, guddinni, qaruun, galanni, ulfinni, hunnaa fi jabeenni bara baraa haga bara baraa te'u! Ameen!» jedhane.