Revelation 7:15 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaaf isaan barcumaa mootumma'aa ka Waaqaa dura dhabbatanee, halkanii fi guyyaa Galma Waaqaa keessatti isa tajaajilan; ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eerulle dunkaana ifii isaan gubba'atti hin diriirsa.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Maro waan kanatifi halkani guyya barch'uma Waaqa dura ejaanjani Mana Waaqa keesati isaa hojatani. Nama barch'uma gubba tau suniti worra woliini tae worra qorqorata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Mar. roo waan kanaatiif halkanii guyyaa barcumaa Waaqaa dura ejaajjanii Mana Waaqaa keessatti isaa hojjatan. Nama barcumaa gubbaa taa'u sunitti warra waliin taa'ee warra qorqorata.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf worri teessoo Rabbii afoo jiran halkanii fi guyyaa mana woyyuu keessatti isa waaqeffatan. Ka teessoo irra taa'e isaan keessa jiraata. Ammaa achi hin beelayan;
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaaf worri teessoo Rabbii afoo jiran halkanii fi guyyaa mana woyyuu keessatti isa kaddaaman. Ka teessoo irra taa'e, isaan keessa jiraata. Ammaa achi hin beelayan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf teessoo Waaqaa durana ta'anii halkanii fi guyyaa, Mana Waaqeffanna'aa titti isa ni tajaalilaniin, ka teessoo irra taa'e'llee gaadisa isaanii ni ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf isaan barcumaa mootumma'aa ka Waaqaa dura dhaabbatanee, halkanii fi guyyaa Galma Waaqaa keessatti isa tajaajilan; ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eerulle dunkaanii ifii isaan gubba'atti hin diriirsa.