Revelation 7:3 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Adda tajaajiltoota Waaqa keenaatti haga chaappaa dhoonnu, lafa yookiin abbaayaa guddoo, yookiin mukoota hin miidhina'a” jedhee iyye.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Malaikaani waan jetteeni, Haga nu hojattu Waaqa keenna beesisa adda gubba keennuti, lafafi galaanafi mukha intuqiini.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Haga nu hojjatoota Waaqaa keennaa beessisa adda gubbaa keennutti lafa, galaanaa fi mukha hintuqinaa” warraan jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Garboota Waaqa keennaa haga kallacha isaanii chaappeessinuuf lafa, galaana yookaan mukkiin hin miidhinaa'a» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Garboota Waaqa keennaa haga kallacha isaanii chaappeessinuuf lafa, galaana yookiin mukkiin hin miidhinaa'a» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Kallacha tajaajiltoota Waaqa keennaa irratti chaaphaa haga isaanitti chaaphessinutti, arddii ta'ee garbi ciisa'aa'llee yookiin mukkiin hin miidhinaa» jedhe, ni iyye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Adda tajaajiltoota Waaqa keennaatitti haga chaappaa dhoonnu, lafa yookiin abbaayaa, yookiin mukoota hin miidhina'a» jedhee iyye.