Revelation 7:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Kanaan duuba gumiin bindillaan ta nami tokkolle laakkowee hin dandeenne gosa biyya adda addaa mara keessaa, gosa mara keessaa, kolbaa maraa fi afaan adda addaa mara keessaa dhufane dhaabbataneeranuun dhagge; isaan woyaa adii uffatanee, baala meexxi'ii harkatti qabatanee, barcumaa mootumma'aatii fi Hoolichaa dura dhaabbataneeraniiyyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi waan kana anini millad'e gumi namaa guddo arge nami tokoleeni dandae nama suni ch'ufa inhedu! Gumiini suni lafa ch'ufa, gosa ch'ufa, afaani ch'ufa keesa baate, barch'uma guddafi Ilme Hoola dura ejaanjate woya adaadi keyate, dame qoone harkati qabate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eegii sun laallaan gumii namaa guddoo arge; namii tokkolleen danda'ee nama sun cufa hinhedu! Gumiin sun lafa cufa, gosa cufa, afaan cufa keessaa dhufte, barcumaa guddaa fi elemoo hoolaa dura wayaa adaadii uyyifatte, damee meexxii harkaatti qabatte ejaajitu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Asiin maayii banii eennullee laakkayuu hin dandeenne baniinii fi gosa worra afaan maraa keessaa namoota heddu guddaa arge. Uffata adii uffatanii qaccee meexxi'ii harka ufiititti qabatanii teesso'oo fi hoolaa Rabbii afoo dhaabatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Asiin maayii banii eennullee laakkayuu hin dandeenne baniinii fi gosa worra afaan marraa keessaa namoota heddu guddaa arge. Uffata adii uffatanii qacee meexxi'ii harka isaaniititti qabatanii teesso'oo fi hoolaa Rabbii afoo dhaabatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti ni laale, namoota haalaan baayi'e'ee ni arge, isaan'llee ummataa fi gosa maraa, worraa fi afaan adda addaa ka dubbatan irraa kan wolitti bayan ni turan, isaan kun uffata adii uffatanii, baala muka meexxi'ii harka isaanii titti qabatanii, teessoo isaatii fi Hoolicha durana dhaabatanii jiran ni ture,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kanaan duuba gumiin bindillaan ta nami tokkolle laakkowee hin dandeenne gosa biyya adda addaa mara keessaa, gosa mara keessaa, kolbaa maraa fi afaan adda addaa mara keessaa dhufane dhaabbataneeranuun dhagge; isaan woyaa adii uffatanee, baala meexxi'ii harkatti qabatanee, barcumaa mootumma'aatii fi Hoolichaa dura dhaabbataneeraniiyyu.