Revelation 8:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ergamaan Waaqaa ka sadeesso'oolle tultullaa ifii afuufe. Urjiin guddoon ta akka xassa'aa bobeettu lagoota harka sadi keessaa harka tokkoo fi maddoota bisaaniititti ol-gubbaa irraa buute.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani malaikaani sadeeso magalata ufi d'oofte. Urjiini guddooni, ta aka ifse bobeetu, gubbaa gadi buute, qooda sadeeso ka galaanatiifi ka maddo ira buute.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan ergamaan sadeessoo magalata ufii dha'e. Urjiin guddoon, akka ibsee bobeettu gubbaa gadi dhaqatte, bisaan yaa'uu fi maddoollee bisaanii harka sadii keessaa harka tokko irra buute.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkaan sadeesso'oollee xurumbaa afuufe. Urjiin guddaan akka shawa'aa gubatu sami'ii darbame. Laggiinii fi bisaan burqa'aa sadihi keessa harki tokko irratti kufe. Maqaan urji'iille Irreetoo jedhama.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maleekkaan sadaffa'aallee xurumbaa afuufe. Urjiin guddaan akka shawa'aa gubatu sami'ii darbame. Lagootaaf bisaan burqa'aa sadi keessa harki tokko irratti kufe. Maqaan urji'iille Irreetoo jedhama.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maleyikkaan sadaffaa'llee xurunbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, urjjiin ol aanaan akka xomborra'aa titti gubatu'llee sami'ii ni kufe, ka kufe'llee harka sadihi keessaa harka tokkoo laggiin irrattii fi burqaawwan bishaanii irratti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergamaan Waaqaa ka sadeesso'oolle tultullaa ifii afuufe. Urjiin guddoon ta akka xassa'aa bobeettu lagoota harka sad keessaa harka tokkoo fi maddoota bisaaniititti ol-gubbaa irraa buute.