Revelation 8:12 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ergamaan Waaqaa ka arfeesso'oo tultullaa ifii afuufe. Ifi isaanii harka sadi keessaa harki tokko akka dukkanowuuf, ka adu'uu harka sadi keessaa harki tokko, ka ji'aa harka sadi keessaa harki tokkoo fi ka urji'ii harka sadi keessaa harki tokko dhowame; ifi guyya'aa harka sadi keessaa harka tokko, ifi halkaniille harka sadi keessaa harka tokko ifa akka hin kennine dhooggame.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani malaikaani afreeso magalata ufi d'oofte. Qooda sadeeso ka jiatifi ka urjile wa d'aani. Duuba akanaani qoodi sadeeso ka waan kana sadeeni ifse d'abe; qoodi sadeeso ka guyyatiifi ka halkanileeni ifsu dide.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan ergamaan afreessoo magalata ufi dha'e. Aduun harka sadii keessaa harkii tokko, jihiilleen harka sadii keessaa harkii tokko, hurjiilleen harka sadii keessaa harkii tokko ifii isaniilleen harka sadii keessaa harkii tokko akkuma dukkanaa'eetti dhaame. Duuba akkanaan ifii guyyaa harka sadii keessaa harkii tokko, ifii halkaniilleen akkasuma harka sadii keessaa harkii tokko hinibsine.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkaan arfeesso'oo xurumbaa afuufe. Aduun sadihi keessaa harki tokko, addeessi sadihi keessa harki tokko, urjiiwwan sadihi keessaa harki tokko hin dhayame. Harki sadihii kunniin akka dukkanaawu, guyyaan sadihi keessa harki tokko akka ifu, akkasuma ka halkanillee'e.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maleekkaan arfaffa'aa Xurumbaa afuufe. Aduun sadi keessaa harki tokko, addeessi sadi keessa harki tokko, urjiiwwan sadi keessaa harki tokko dhayame. Harki sadihii kunniin akka dukkanaawu guyyaan sadi keessa harki tokko akka ifu akkasuma ka halkaniillee'e.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maleyikkaan arfaffaa xurunbbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, harka sadihi adu'uu keessaa harki tokko, harka sadihi ji'aa keessaa harki tokko, harka sadihi urjji'ii keessaa harki tokko ni dhayame, kanaaf isa keessaa harka sadihi keessaa harki tokko ni dukkanaaye, bifa kanaan guyya'aa keessaa harki tokkoon guyya'aa, ifa malee ni ta'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergamaan Waaqaa ka arfeesso'oo tultullaa ifii afuufe. Ifi isaanii harka sad keessaa harki tokko akka dukkanowuuf, ka adu'uu harka sad keessaa harki tokko, ka ji'aa harka sad keessaa harki tokkoo fi ka urji'ii harka sad keessaa harki tokko dhowame; ifi guyya'aa harka sad keessaa harka tokko, ifi halkaniille harka sad keessaa harka tokko ifa akka hin kennine dhooggame.