Revelation 8:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba midhadhee, risaan tokko waaqa keessa koolaan ka'aa qoonqoo guddo'oon, “Ergantooti Waaqaa sadi ta hatte, waan tultullaa afuuttuuf, worra lafa irra le'uuf aanne'e! Aaanne'e! Aanne'e!” jedhaa iyyuun dhage'e.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini millannaani risa fago barisu arge, ka qonqo guddooni iye, Gaargala, gaargala, gaargala guddati lafa d'ufa hojja malaikaani sadeeni taani magalata ufi d'ooftu! jed'u d'agaye.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin millannaan risaa fagoo Waaqaa gubbaa barrisu tokko argee, ka qoonqoo guddoon iyyee, “Waan ergamtootii sadeen taan magalata ufii dhooftuuf warra lafa irra jiraatuuf, gaargala! Gaargala! Gaargala guddaa” jedhu dhagaye.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bajjaan tokko samii wodhakka'aa bararee laagaa gudda'aan «waan Maleekkota sadihii xurumbaa afuufu'uuf ta'anii, waan laagaa Maleekkota biraa worra lafa irra jiraataniif isaanii aanne'e!» Hennaa jedhu dhagaye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bajjaan tokko samii wodhakka'aa bararee laagaa gudda'aan waan Maleekkota sadihii xurumbaa afuufu'uuf ta'anii, waan laagaa Maleekkota biraa worra lafa irra jiraataniif isaanii aanne'e! Hennaa jedhu dhagaye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaan duubatti yoo laalu risaan tokko samii irra barara'aa qoonqqa ol aana'aan, «Maleyikkoonni hafan sadiin qoonqqa guddaa xurunbbaa isaanii ka ilaali'iitiin yeroo dhageessisanitti, namoota arddii irra jiraatan isaanii uunsha'a! uunsha'a! uunsha'a!» jedha'aa, yoo iyyu ni dhagaye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba midhadhee, risaan tokko waaqa keessa koolaan ka'aa qoonqoo guddo'oon, «Ergantooti Waaqaa sad ta hatte, waan tultullaa afuuttuuf, worra lafa irra le'uuf aanne'e! Aanne'e! Aanne'e!» jedhaa iyyuun dhage'e.