Revelation 8:3 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ergamaan Waaqaa ka dhibiille girgiraa worqi'iin hujame qabatee dhufee, addee ciincaan itti ciinceffamu bira dhaabbate; innille addee ciincaan itti ciinceffamu ta worqi'iin hujantee barcumaa mootummaa Waaqaa dura jirtu irratti, daadimata worra Waaqaaf woyyoome maraa woliin akka dhiyeessuuf, hixaanni bacaan itti kenname.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Malaikaani eele hit'aana ta worqi harka qabdu d'ufte, fulla waan sorio irati qalani ejatte. Hit'aana heddu iti kennani, aka isiini kad'acha worra Waaqaati darte ammalle waan sorio irati qalani ta barch'uma guddinna dura ejitu, dura keetu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ergamaan eelee hixaanaa ta warqii harkaa qabu dhufee, fulaa waan sooriyyoo irraatti qalanii ejje. Hixaana hedduu itti kennan, akka innii kadhachaa warra Waaqaatti daree ammallee waan sooriyyoo irratti qalan ta warqii ta barcumaa guddinnaa dura ejjitu dura kaa'u.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkaan biraa dhufee girgiraa worqi'ii qabatee hulee ciinca'aa bira dhaabatee ka afoo teesso'oo jiru ciincaa worqi'ii irratti faatee qulqullootaa maraa woliin akka dhiyeessu hixaanni hedduu kennameef.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maleekkaan biraa dhufeeti girgiraa worqi'ii qabateeti hulee ciinca'aa bira dhaabatee afoo teesso'oo ka jiru ciincaa worqi'ii irratti qulqulloota maraaf faatee akka itti eda'u hixaanni guddaan itti keename.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Girgiraa worqqi'ii ka qabatee jiru maleyikkaan bira'aa dhufeeti, furdda biraan ni dhaabate, teessoo duranaan ka jiru furdda worqqi'ii irratti'llee, kadhannaa Qulqullu'uu woliin ka dhiyeessu ixaanni baayi'een ni kennameef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year