Revelation 8:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ergamaan Waaqaa ka qaraa tultullaa ifii afuufe. Dhakaan bokkeyaatii fi ibiddi dhiigaan makame lafatti gad bu'ane; lattille harka sadi keessaa harki tokko gubatte; mukootille harka sadi keessaa harki tokko gubatane; marri bisileelle martinuu gubate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Malaikaani qara magalata ufi d'oofte. Bokaa d'akha roobufi ibidi ka d'iigaani wolkeesa makhame lafati jige. Qoodi sadeeso ka lafa gubate, qoodi sadeeso ka mukhaleeni gubate, buyuo dooti ch'ufa gubani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ergamaan qaraa magalata ufii dha'ee. Bokkaa dhakaan roobuu fi ibiddii dhiigaan walitti makhame lafatti jigee, laftiilleen harka saddii keessaa harkii tokko ingubate; mukhiilleen harka sadii keessaa harkii tokko ingubate; marrii dotiilleen cuftii ingubate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkaan duraa xumbaa afuufe baradaa dhiigaan makamee fi ibiddatu uumame. Innillee gara lafaa darbame. Lafti harka sadihi keessaa harki tokko hin gubatte. Munnillee harka sadihi keessaa tokko hin gubate. Margi lalise maruu hin gubate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maleekkaan duraa xumbaa afuufe baradaa dhiigaan makameef ibiddatu uumame. Innillee gara lafaa darbame. Lafti harka sadi keessaa tokko hin gubatte. Munnillee harka sadi keessaa tokko hin gubate. Margi lalise maruu hin gubate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maleyikkaan jalqabaa xurunbbaa isaanii ka laali'ii ni afuufe, barada'aa fi dhiiginni ka itti wolitti makame ibidda ni ta'e, gara arddi'ii titti'llee ni gatame, harka sadihi keessa harki tokkoon arddi'ii ni gubate, mukkiin keessaa'llee harka sadihi keessaa harki tokko ni gubate, margi lalise marri'llee ni gubate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergamaan Waaqaa ka qaraa tultullaa ifii afuufe. Dhakaan bokkeyaatii fi ibiddi dhiigaan makame lafatti gad bu'ane; lattille harka sad keessaa harki tokko gubatte; mukootille harka sad keessaa harki tokko gubatane; marri bisileelle martinuu gubate.