Revelation 8:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Dadaan lubbuu qaddu ta abbaayaa guddoo keessa jirtu, harka sadi keessaa harki tokko duute; hobolooti gugurddootille harka sadi keessaa harki tokko muxuqqi jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qoodi sadeeso ka waan bisaani keesa jira ch'ufti raawate, qoodi sadeeso ka hobolo bisaani keesa jirtu balleesani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wanti lubbuu qabaa ka galanaa keessa jiraataalleen harka sadii keessaa harkii tokko inraawwate; hoboloolleen harka sadii keessaa harkii tokko inbadde.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uumama lubbu qaban ka galaana keessa jiraatan keessaa harka sadihi keessaa harki tokko hin du'an; Markaboonnillee harka sadihi keessaa harki tokko hin barbadaaye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Uumamni lubbu qabeeyyiin galaana keessa jiraatan keessaa sadi keessaa harki tokko hin du'e. Markabni sadi keessaa harki tokko hin bade.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
garba ciisaa keessa ka jiraatan uumamittoota lubbuu qaban keessaa'llee harka sadihi keessaa harki tokko ni du'an, harka sadihi keessa harki tokkoon dooniiwwanii'llee ni dhabame.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dadi lubbuu qaddu ta abbaayaa keessa jirtu, harka sad keessaa harki tokko duute; hobolooti gugurddootille harka sad keessaa harki tokko muxuqqi jedhane.