Revelation 9:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Ergamaan Waaqaa ka jayeesso'oo tultullaa ifii afuufe. Gaafa arfan addee ciincaan itti ciinceffamuu, ka worqi'iin hujamee fuula Waaqaa dura jiruu irraa qoonqoon dhuttuun ani dhage'e.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani malaikaani jaeeso magalata ufi d'oofte. Anini qonqo toko d'agaye; isiini fulla waan sorio irati qalani ta worqi ta Waaqa dura ejitu d'ufte.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan ergamaan jaheessoo magalata ufii dha'e. Anin qoonqoo tokko dhagaye; isiin fulaa qotaa afran waan sooriyyoo irratti qalan ta warqii ta Waaqaa dura ejituutii dhufte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkaan jaheesso'oo xurumbaa afuufe. Gaafa worqii irraa hojjatame ka kennaa irratti dhiyeessan ka Rabbiin afoo jiru keessaa laagaa tokko dhagaye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maleekkaan jahaffa'aa xurumbaa afuufe. Gaafa worqii irraa hojjatame ka kennaa irratti dhiyeessan ka Rabbiin afoo jiru keessaa laagaa tokko dhagaye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Maleyikkaan jahaffaa xurubbaa isaa ka laali'ii ni afuufe, kunoo, Waaqa duran ka jiru furdda worqqi'iin hojjatame, gara kallattii arfan furddootaatiin, qooniqqi yoo bayu ni dhagaye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ergamaan Waaqaa ka jayeesso'oo tultullaa ifii afuufe. Gaafa arfan addee ciincaan itti ciinceffamuu, ka worqi'iin hujamee fuula Waaqaa dura jiruu irraa qoonqoon dhuttuun ani dhage'e.