Revelation 9:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Qoonqoon sunille ergamaa Waaqaa ka tultullaa jayeesso'oo qabateeruun, “Ergantoota Waaqaa arfan ta laga Efraaxiisii guddichatitti hidhamane hiiki!” jette.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qonqooni taani waan malaika jaeeso ta magalata harkaa qabduuni jette, Malaika afraani fulla galaana Efrati jed'aniti hid'ani gadi lakisi!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Qoonqoon taan ergamaa jaheessoo ka magalata harkaa qabuun, “Ergamtoota afraan fulaa galaana Efraaxiisiitti hidhan gad lakkis!” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maleekkaan xurumbaa qabu ka jaheesso'oo, «Maleekkota arfan laga guddaa Efraaxisitti hidhaman isaan hiiki!» jedheen.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Maleekkaan xurumbaa qabu ka jahaffa'aa «Maleekkoota arfan laga guddaa Efraaxisitti hidhaman isaan hiiki!» jedheen.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Qooniqqi isaa'llee xurunbbaa isaa ka laali'ii ka qabate maleyikkaan jahaffaa, «Laga ol aanaa Efraaxiisii titti ka hidhaman, maleyikkoota arfanii isaan hiiki!» ni jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qoonqoon sunille ergamaa Waaqaa ka tultullaa jayeesso'oo qabateeruun, «Ergantoota Waaqaa arfan ta laga Efraaxiisii guddichaatitti hidhamane hiiki!» jette.