Revelation 9:17 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Fardo'oo fi worra fardoo san irra tee'eeruulle ani mudhi'iin dhagge. Isaan qomoo sibiilaa diintuu akka ibiddaa, gurraattii akka baddeessa'aatii, fi bifa bookaa fakkaattu qaban. Mataan fardoo sanii mataa neenqaa fakkaata; afaan isaanii keessalle'ee ibiddi, aarrii fi dhakaan bobe'u baya.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Oobju keesa anini fardoolefi nama isi ira tatau arge: Worri wonte aka ibida bobeetu qaba, ta aka dooqa bulle, ta ammalle daalatooftu. Mataani fardoole aka mata nyeench'a jira, afaani worraa keesaa ibidafi aarafi qanqeeni yaate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Oobju keessa anin fardoollee fi nama isii irra tataa'u arge: warrii wante sibiilaa ta akka barbada ibiddaa diimatuu, ta akka dooqa bulee, ammallee ta akka hadhoo qomaa qaba. Mat. aan fardoolee akka mataa nyeencaa jira, afaan fardoo keessaa ibiddaa, aaraa fi dhakaa boba'aa baqee lola'utti yaa'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Farado'oo fi worra faradoo yaabbatanillee akkasuma manaabaan arge. Uffata diimaa akka ibiddaa, gurraacha akka baddeessa'aa, boora akka bookaa fakkaatu qaban. Mataan Faradoo sanniinii akka mataa leencaati. Afaan isaanii keessaa holataan dhagaa ibiddaa baye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Farado'oo fi worra faradoo yaabbatanillee akkasuma manaabaan arge. Uffata diimaa akka ibiddaa gurraacha akka baddeessa'aa, boora akka bookaa fakkaatu qaban. Mataan Faradoo sanniinii akka mataa Leencaati. Afaan isaanii keessaa holataan dhagaa ibiddaa baye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Farado'oo fi faradoo irra namoota taa'an muldhataan ka isaan arge akka itti aanee jirutti ture, uffanni sibiilaa ka laphee isaanii irra ni jira ture akka mukukula ibiddaa diimaa, akka gurraacha yaakiniitii sami'ii, akka dinni'ii boora ni fakkaata ture, mataa farado'oo'llee mataa leenccaa ni fakkaata ture, afaan isaaniitii'llee ibiddaa fi aarri dinniini'llee ni baya ture,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Fardo'oo fi worra fardoo san irra tee'eerulle ani mudhi'iin dhagge. Isaan qomoo sibiilaa diintuu akka ibiddaa, gurraattii akka baddeessa'aatii, fi bifa bookaa fakkaattu qaban. Mataan fardoo sanii mataa neenqaa fakkaata; afaan isaanii keessalle'ee ibiddi, aarrii fi dhakaan bobe'u baya.