Revelation 9:2 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa urjiin sun boolla qilee san bante, aarri akka aara boolla ibiddaa guddaa keessaa bawu fakkaatu keessaa baye. Aara boolla keessaa bayeen, adu'uu fi qilleensi dukkanowane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Urjiini taani boola qile taani bante, aari aka aara boola ibida gudda keesa yae. Maro aara sunitiifi adufi qilleensi dukanae.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hurjiin taan boolla gad qilee ta lafa jalaa taan bantee, aarii akka aara boolla ibidda guddaa keessaa yaa'e. Mar. roo aara sunitiif aduu fi laftiilleen dukkanoofte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Boolla ashuuteellee hin bane; aarrillee akka aara ibidda gudda'aa dhagaa keessaa baya; aduunii fi qilleensi aara boolla ashuutee keessaa bayuun dukkanaayan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Boolla ashuutellee hin bane; aarrillee akka aarra ibidda gudda'aa dhagaa keessaa baya; aduunii fi qilleensi aara boolla ashuutee keessaa bawuun dukkanaayan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Inni boolla gadi fagoo ni bane, aarri'llee akka aara ibidda ka guddaa ol aana'aa bayuu ta'ee boolla gadi fagoo keessaa ni baye, waayee aara boollaa bayeetiin'llee adu'uu fi samiin ni dukkanaayan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa urjiin sun boolla qilee san bante, aarri akka aara boolla ibiddaa guddaa keessaa bawu fakkaatu keessaa baye. Aara boolla keessaa bayeen, adu'uu fi qilleensi dukkanowane.