Revelation 9:4 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan namoota adda ifii irratti chaappaa Waaqaa hin qanne callaa malee, marra lafaa, yookiin waan latee bisilee te'e mara, yookiin muka akka hin miine itti himame.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Buuyofi mukhafi waan dotaata tokole intuqiina, ammo nama beesisa Waaqa adda inqamne balleesa jed'aniini.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Awwannisaan, “Buuyyoo, mukaa fi waan dottaataa tokkollee hintuqiinaa, ammoo nama beessisa Waaqaa adda irraa hinqamne miidhaa” jedhaniin.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaanillee namoota kallacha isaanii irra chaappaan Rabbii hin jirre callaa akka miidhan ajaje malee, waan lafa irra jiru maraa, waan lalise yookaan muka kamiinillee akka hin miine isaanitti himan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaanillee namoota kallacha isaanii irra chaappaan Rabbii hin jirre callaa akka miidhan ajaje malee, waan lafa irra jiru maraa waan lalise yookiin muka kamiinillee akka hin miine isaanitti himan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Marga arddi'ii ta'ee wonittoota lalise kamiinuu yookiin muka kamiinuu akka hin miineef isaanitti ni himame, miidhuun ka qaban garuu kallacha isaanii irratti chaaphaa Waaqa namoota hin qabnne qofa ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan namoota adda ifii irratti chaappaa Waaqaa hin qanne callaa malee, marra lafaa, yookiin waan latee bisilee te'e mara, yookiin muka akka hin miine itti himame.