Revelation 9:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Awwaannisootille ji'a shan callaa akka isaan farrisiisanuuf malee, akka ijjeesanuuf baalliin isaaniif hin kennanne; farri isaan farranu sunille farra akka yennaa makki nama ciniine namatti dhage'amuu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Awaanisaani, Nama inijeesiina, ammo haga jia shani ch'ufa nama gaargalcha jed'aniini. Awaanisi kaani aka yo qanjibuuni nama ch'iniintu nama d'ukubsitu nama d'ukubsa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Awwaannisaan, “Nama hinijjeesiinaa, ammoo haga jiha shanii cufa nama gaargalchaa” jedhaniin. Awwaannisii kaan akkuma qaanjibuun yo nama ciniintu nama dhukkubsitu nama dhukkubsa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan akka ji'a shanii callaa rakkisaniif kennameef malee akka ajjeesaniifii miti; miidhaan isaan miidhaman akka miidhaa nama buutiin idditeeti.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan akka ji'a shanii callaa rakkisaniif kennameef malee akka ajjeesaniifii miti, miidhaan isaan midhaman akka miidhaa nama buutiin idditeeti.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan'llee yoo ta'e ji'a shaniif isaan makkaraarsu'uuf malee ajeesu'uuf eeyyamnni hin kennamnneef, awaannisoonni makkaraarnni isaan irra gayan ka akka qaajjibbuun yoo nama iddituu titti ka namatti dhagayamuut.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Awwaannisootille ji'a shan callaa akka isaan farrisiisanuuf malee, akka ijjeesanuuf baalliin isaaniif hin kennanne; farri isaan farranu sunille farra akka yennaa makki nama ciniine namatti dhage'amuu ti.