Romans 1:13 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Obboleeyyan tiyya! Ani akkuma worra Yihudoota hin te'in oddu'utti dhugeeffattoota hedduu dhagge, isin odduulle'etti dhugeeffatoota dhagguu fedheeraayyu; yennaa hedduu gara keessan dhufiisaaf karoorfadhee, ammoo akka naaf hin te'in akka beettanu barbaada.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waan kana qaabachu maltani, oboleyaani tiyya: anini maro heddu imaltu gara keesani d'ufu fed'e, ammo hojja ch'ufa woiti na d'owe. Ya jiddu teesanile nama d'ugefachiisu fed'e, akuma gosa d'ibi keesa tolche.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Obboleeyyan tiyya, waan kana qaabachuu maltan, anin marroo hedduu imaltuu gara keessan dhufuu fedhe; ammoo yo cufaa wayiiti na dhowe. Anin akkuma gosa hindhugeeffatin dhibiillee keessaatti tolchee, jidduu tessaniillee keessaalleetti nama dhugeeffachiisuu fedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Obboleewwan tiyya! akkuma worra Yihuudota hin taane biratti ta'e isin birattillee daraaraa akka argadhuuf hennaa heddu gara keessan dhufu'uuf akka yaade; haga ammaa ammo dhooggamuu kiyya akka naa beettan barbaada.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Obboleewwan tiyya akkuma worra Yihuudota hin taane biratti ta'e isin birattillee daraaraa akka argadhuuf hennaa heddu gara keessan dhufu'uuf akka yaade; haga ammaa ammoo dhooggamuu kiyya akka naa beetan barbaada.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaa obboleeyyan tiyya! Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne kaanniin jiddu'utti amanttoota baayi'ee akka argadhe, akkuma kana isin jiddu'utti'llee amanttoota argachu'uuf barbaadee ture, garuu gara keessan dhufu'uuf yeroo baayi'ee karoorfadhee haga ammaa titti naaf ka hin guutin ta'uu isaa akka beekittaniif ni jaaladha.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Obboleeyyan tiyya! Ani akkuma worra Yihudoota hin te'in oddu'utti dhugeeffattoota hedduu dhagge, isin odduulle'etti dhugeeffattoota dhagguu fedheeraayyu; yennaa hedduu gara keessan dhufiisaaf karoorfadhee, ammoo akka naaf hin te'in akka beettanu barbaada.