Romans 1:17 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Balchaan dhugeeffanna'aan jiruu dhaggata” jedhantee barreeffanteerti; balchummaan Waaqaa huji'iin waan mudhatteef, jalqabaa haga dhumaatitti nami dhugeeffanna'aan balchooma.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti akanatiifi Odu Dansa keesa Waaqi kara inni d'uga nama hereguuni agarsiisa: karaani suni d'ugefacha ch'alla. Akuma t'aafiini jettu, Nami Waaqi maro d'ugefachatifi d'uga hereguufi injiraata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wantii akkanaatiif karaa oduu dansaa gulaan Waaqiii qulqullumaa nama keenna; karaan sun dhugeeffacha callaa. Akkuma barreessiin jetuu “Namii Waaqiii marroo dhugeeffachaatiif dhugaa herreguuf injiraata”
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dubbii Nagayaatiin qajeellummaan Rabbii waan mudhateef qajeellummaan Isaallee jalqabaa haga dhumaa waan amanti'iin ta'e; akkuma, «Qajeelaan amanti'iin jiraata» jedhamee barreeffame.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Qajeelaan amanta'aan jiraata» jedhamee akkuma barreeffame qajeellumaan Rabbii amantaa irraa gara amanta'aa isaan waan mudhatuuf.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Naminni qulqullaayomaan amanti'iin jireenna ni argata jedhamee barreeffamee jira, qulqullummaan Waaqaa'llee huji'iin waan muldhateef jalqabaa hanga muumme'ee titti naminni ka qulqullaawomu amanti'iin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Balchaan dhugeeffanna'aan jiruu dhaggata» jedhantee barreeffanteerti; balchummaan Waaqaa huji'iin waan mudhatteef, jalqabaa haga dhumaatitti nami dhugeeffanna'aan balchooma.